Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila mana qopheessaa gara dijitaalaatti ceesisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 12, 2016 (FBC)- Tajaajilaa mana qopheessa magaalotaa gara dijitaalaatti ceessisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin ibsan.

Qorannoon raawwii kurmaana jalqabaa bara 2016 bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira.

Haaluma kanaan raawwiin Ministeeraa Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa kan qoratame yoo ta’u, tajaajila mana qopheessaa magaalotaa ammayyeessuuf hojiilee bal’aan hojjetamuu Aadde Caaltuun dubbataniiru.

Sadarkaaleen tajaajila magaalota ja’aa qophaa’ee hojiirra oolchuuf gara hojiitti seenamuu dubbataniiru.

Tajaajila qeeraa magaalotaa, misooma magariisaa fi miidhagina magaalaa, dhabamsiisaa balfaa, kenniinsaa eeyyama ijaarsaa fi tajaajiloota dameewwan biroo ammayyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Kenniinsa tajaajilaa magaalotaa ammayyeesuu fi gara dijitaalaatti ceesisuuf magaalotaa akka Bishooftuu, Qabiriidahaar, Jigjigaa fi Dabra Birhaanitti hojjetamaa akka jiru himuun, muuxannoo argames gara magaalota birootti babal’isuuf karoorfamuu eeraniiru.

Sirna Bulchiinsa lafa magaalotaa ammayyeessuufis sirni kaadaastaraa jalqabamuu kan kaasaan Aadde Caaltuun, kunis tajaajila saffisaa kennuu fi hojmaata badaa hambisuuf kan tumsuudha jedhaniiru.

Kurmaana jalqabaatti tajaajila mana qopheessaa magaalotaan galiin Birrii biiliyoona 6.8 walitti qabamuu himaniiru.

Dandeettiin galii magaalotaa dabaluun, haala mijataa naannawaa uumuu, invastaroota hawwachuu fi bu’uuraalee misoomaa dandeettii ofiin ijaaruuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.