Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila Lammummaa, Misooma Waloof

Finfinnee, Adoolessa 21, 2016 (FBC)- Adeemsa jijjiiramaa hundagaleessa qabanne keessatti, qormaatilee alaafi keessaa, namtolcheefi umamaa numudataa turan dandamachuun injifannoowwan dinqisiisoo galmeessisuu dandeenyerra.

Milkaa’ina argameef, labsiiwwan itti fayyadama Humnoota Waloo humna hawaasaa bu’aatti jijjiiran shoora olaanaa taphataniiru; taphachaas jiru.

Kanneen keessaa Tajaajilli Lammummaa miira waloo umuufi dandeettii taasisuu ummataa argisiisuu irratti addadureedha.

Erga labsiin Kenna Tajaajila Lammummaa Adoolessa 8, bara 2011 bahee asitti, gosoota hojii 42, baajata mootummaa osoo eeganii nuusa jaarraa fudhachuu danda’an, waggoota shan keessatti kan raawwanne yoota’u, raawwiin waliigalaa hanga ammaa, shallaggii Birrii biiliyoona 276.6 gahee jira.

Carraa kanaan kanneen ijoo ta’an yoo ilaallu:

Hojiilee Gurguddoo Damee Hawaasummaa Barnoota, Fayyaa Hawaasaafi Deeggarsa Hawaasummaa
Waggoota shanan darban Manneen Barnoota Bu’ura Boruu 13,475, daree barnootaa dabalataa kuma 60 fi 680 fi manneen jireenya barsiisotaa kuma 24 fi 585 ijaaramani jiru.

Gama fayyaa hawaasaatiin ijaarsi keellaa fayyaa haara 63, bilookii dabalataa 292, iddoo turmaata haadholee 641, Faarmaasii Modeela Hawaasaa 15’fi suphaawwan keellaa fayyaa 987 isaan ijoodha.

Deeggarsa hawaasummaa taasifaman keessaa ijaarsa mana harka qalleeyyi 190,110, bittaa Inshuuraansii fayyaa harka qalleeyyi 955,396’fi arjooma dhiigaa yuuniitii 215,873 kaasuun ni danda’ama.

Akkasumas, Hojiilee Gudguddoo Misooma Baadiyyaa
Ashaaraa Magariisaa, Bishaan Dhugaatiifi Daandii

Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuu biiliyoona 20.75 kan dhaabbatee fi kunuunfamaa kan jiruudha.

Kun uwwisa bosonaa biyya keenyaa %17 irraa gara %26’tti ol dabaluu danda’ee jira.

Kanaaf, hoggansa bilchaataa hojiilee eegumsaafi kunuunsa qabeenya umamaa irratti kennaniifi bu’aa qabatamaa gama kanaan argameef, Looreetii Nagaa Addunyaa, Mummichi Ministiraa keenya Dooktar Abiy Ahimad idil-addunyaatti beekamtii kabajaa addaa argatanii jiru.

Dabalataan, bishaan dhugaatiin walqabate, burqaa kuma 14 fi 572 ija irratti misoomeera; boolli harkaa sadarkaa maatii kumni 16 fi 517’fi sadarkaa hawaasaa kuma 11 fi 345 kan qotame yoota’u, sararri bishaan dhugaati kuma 53 fi 870 diriree jira.

Kanamalees, daandii haaraa cirrachaa gandaafi gandaa kiiloo meetira kuma 5 fi 344 hojjatamee, kiiloo meetira kuma 11 fi 731 ammoo suphamee jira.

Ijaarsi riqicha aadaa kuma 10 fi 727 guutuummaan kan raawwatameedha.

Kallattii 2017’f keenye:

Bara 2017’tti humnoota waloo qabnu daran qindeessuu cimsinee kan itti fufnu yoota’u, bu’uruma kanaan gosoota hojii sosochii ummataa barbaadan, akkasumas mariifi waliigaltee qooda fudhattootaatiin milkaa’uu danda’an 58 adda baasuun, raawwii hojii Birrii biiliyoona 300 ta’u galmeessisuuf karoorsinee hojiitti seenneera.

Adeemsa keenyafi muuxannoo idil-addunyaarraa akka agarrutti, badhaadhina mirkaneessuuf hirkannaa baajata motummaa qofarratti qabnu irraa bahuun humnoota waloo qixaan fayyadamuun dhimma filannoof hin dhiyaannedha.

Dabalataanis, ummanni imaammata yaadama adaafi dudhaa isaa irraa maddu waliin carraa misooma biyya isaa kessatti hirmaachuu yoo argate raajii hojjechuu akka danda’uufi kallattiin mootummaan gama kanaan qabates sirrii ta’uu qabatamaan ragaa baha.

Dhumarrattis, ummata keenya waan dhabe ofiin guuttachaa dandeetti gochuu isaa ifatti mirkaneffatee kanaaf dinqisiifannaa olaanaan qabu ibsaa, gara fuulduraattis daran cimsee hojjechuun, eeggattummaa tokko malee ofiifi walii isaaf hirdhuu isaa guuttachuun imala badhaadhinaa akka biyyaatti qabame dhugoomsuu keessatti shoora isaa qixa sirriin akka bahatu imaanaa guddaa jechuun barbaada.

Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.