Tajaajila geejjibaa waan kennan fakkeessuun yakka hannaa irratti bobba’uun kanneen shakkaman to’ataman
Finfinnee, Amajjii 21, 2017 (FMC)-Bakkoota adda addaatti tajaajila geejjibaa waan kennan fakkatanii yakka hannaa “shuwaa shuwaa” jedhamuun beekamu irratti bobba’uun kan shakkaman to’annoo jala oolfamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee ibse.
Yakkichi kan raawwatame Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 5tti yoo ta’u shakkamtoonni gochacharratti bobba’an afur ta’o’aytamuun ibsameera.
Shakkamtoonni kunneen konkolaataa dhuunfaan tajaajila geejjibaa kan kennan fakkaatanii, miidhamaa dhuunfaa tajaajila wal’aansaaf imalaa turan gowwoomsuu maallaqa callaa kuma 7 fi 900 irra fudhatanii miliquuf osoo yaalanii poolisiin to’atamaniiru.
Yakkicha raawwatanii wayita miliquuf yaalaniittis nama tokko irraan balaa qaqqabsiisuun beekameera.
Shakkamtoota qabaman keessa tokko dubartii yoo taatu, qorannoon barbaachisaan irratti geggeeffamaa akka jirus himameera.
Kanaan duras yakka walfakkaataa raawwachuun Qajeelcha Poolisii Kutaa Magaalaa Gullalleetti mana sirreessa galanii akka turan qorannoo jalqabaan adda bahuun eerameera.
Hawaasni of eeggannoo taasisuurraa eegalee namoota tajaajila geejjibaa waan kennan fakkaatanii tooftaa gowwoomsaa adda addaa fayyadamuun yakka raawwatan ittisuurratti qindoominan akka hojjetan Poolisiin Magaalaa Finfinnee dhaameera.
#Oromia #Ethiopia