Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila geejjibaa ummataa qofaaf kan oolu sararoonni tiraafika haaraan 6 hojiirra oolufi

Finfinnee, Bitootessa 10, 2013 (FBC) –Magaalaa Finfinneetti Tajaajila geejjibaa ummataa qofaaf kan oolu sararoonni tiraafika haaraan 6 hojiirra oolufi akka jiru Biiroon geejjibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ibse.
Magaalichatti sararoota 6 fi sararoonni duraanii 4 ka’uumsaa hanga ga’uumsaatti akka dheeratan ni ta’a jedhameera.
Bu’uuruma kanaan sararoota daandiiwwan Piyaasaa-Wiingeet-Saansuusii; Xoor Hayilooch-Ayyaar Xeenaa; Isxifaanos-Arat Kiiloo-Shiroo Meedaa; Maganaanyaa-Shoolaa- Qabannaa- 6 Kiiloo; Maganaanyaa-Shoolaa- Qabannaa- 4 Kiiloo; Kaasaanchiis –Biheeraawwi tajaajila awutoobusii qofa laataan akka qophaa’aan biirichi ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.