Tajaajila Geejjibaa hojmaata badaarraa bilisa ta’e kennuuf tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamaa jira – EGO
Finfinnee, Amajjii 1, 2017 (FMC) –Buufataalee Konkolaataa fi imala Geejjibaarratti jechoonni duudhaa, safuu fi aadaa hawaasaa hinsafeeffanne wayita dubbataman mul’atu.
Maamilli gooftaadha yaadni jedhu toorichatti waan jiru hinfakkaatu. Nama caalaa maallaqatu kabajama jedhu kutaaleen hawaasaa garaagaraa.
As seenii achi seenii fi daddarboon maamilarratti raawwatamu, kaffaltiin seeraan alaa, hanqinni namuusaa fi rakkoon bulchiinsa gaarii damichaan mul’atu tajaajilamaa haalan mufachiisuu himama.
Tibba Ayyaanaa imaltoonni geejjibaa argachuuf Faddaaltootaaf matta’aa kaffalaa turuu qabatamaan mul’ateera.
To’annoo fi hordoffiin gaggeeffamu mataa isaan rakkoo qaba kan jedhan hawaasni tajaajilamaan, malaammaltummaan damicharratti raawwatamu daraan hamaa ta’uu eeru.
Yeroo ayyaanaa qofa osoo hin taane carraa argametti fayyadamuun taarifaan ala gatii dabaluu fi humnaa ol fe’uun aadeffamuu kutaaleen hawaasaa yaada isaanii Faanaa Diijitaaliif kennan himaniiru.
Kenniinsa Tajaajila geejjibaarratti Hojmaanni badaan bal’inaan mul’achaa jiraachuu Faanaa Diijitaal mirkaneeffateera.
Amma akka durii miti, wanti hedduun jijjiirameera jedhu Ejansii Geejjiba Oromiyaatti Daayrektarri Dhiyeessii fi Bobbii Geejjiba Ummataa Obbo Getaachoo Abbabaan.
Buufanni Konkolaataa bakka hawaasni itti saamamu, arrabsamu, aadaa fi safuun isaa itti cabaa ture ta’uu kan yaadachiisan Obbo Getaachoon yeroo ammaa adeemsicha sirreessuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Magaalotaa fi Godinaalee Oromiyaatti Buufataaleen Konkolaataa sadarkaa isaanii eegatanii fi Teeknooloojii ammaayyaa guutataan ijaaramuun rakkoolee namusaa fi bulchiinsa gaarii mul’achaa turan furuuf gumaachaa olaanaa taasisaa jiru jedhan.
Buufataaleen Konkolaataa bakka safuu, duudhaa fi aadaan hawaasaa itti dagaagu taasiisuuf tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa jiraachuus eeraniiru.
Kanaanis jijjiiramanii olaanaan mul’achaa akka jiru kaasaniiru.
Tajaajilamaanis mirgaa fi dirqama isaa hubatee akka socho’u hojiin hubannoo uumuu buufataalee naannichaa hunda keessatti hojjetamaa jira jedhaniiru.
Hawaasni wayita Kenniinsa Tajaajila Geejjibaarratti rakkoon namuusaa fi bulchiinsa gaarii mudatuun karaa bilbila bilisaa 8556’n eeruu akka kennaan waamicha dhiyeessaniiru.
Suuraan: – Kuusaa
Siifaan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia