Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila geejjiba fe’umsa al-ergiifi galii %50 baaburaan kennuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2017 (FMC) – Tajaajila fe’umsa al-ergiifi galii %50 baaburaan kennuuf hojjetamaa akka jiru Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii beeksise.

Waldaan Aksiyoona Baaburaa Itiyoo- Jibuutii dandeettii geejjibsiisuu isaa wagga waggaan % 14.2’n guddisaa jiraachuu ministeerichi ibseera.

Al-ergiin bunaa %98 baaburaan geejjibsiifamuu eerameera.

Xaa’oo dabalatee fe’umsi konteeyinerii maltiimoodaliifi yuuniimoodaalii, beelladoonni, maashinoonni guguddoon, Awutoobisoonniifi konkolaattonni fe’umsaa haaraan baaburaan geejjibsiifamuu yaadachiiseera.

Yeroo ammaa Baaburri Itiyoo-Jibuutii tajaajila fe’umsa al-ergiifi galii %50 baaburaan geejjibsiisuuf guyyaa guyyaan baaburoota 14 bobbaasuun tajaajilli kennamaa jiraachuu ibsameera.

Dabalataanis saffisa baabura fe’umsaa gara sa’aatiitti kiiloomeetira 58’tti guddisuuf akkasumas tajaajila kennamu diijitaalessuuf hojjetamaa akka jiru ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.