Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila geejjiba baaburaa Itiyoo- Jibuutii adda cite jalqabsiisuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2017 (FMC) – Tajaajila geejjiba baaburaa Itiyoo- Jibuutii guyyoota 3’f adda cite ture jalqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu Humni Elketirikaa Itiyoophiyaa beeksise.

Oofiisarri Olaanaan Oppireeshinii Waldaa Aksiyoona Baaburaa Itiyoo- Jibuutii Ayyaanaa Barkeessaa Faanaa Diijitaaliif akka ibsanitti, Roobii darbe halkan sa’aatii 6:00 irraa eegalee sababa humni ibsaa adda citeef tajaajilli geejjiba baaburaa adda citeera.

Rakkoo utubaa elektirikaa irra qaqqabeen sararri baaburaa Mi’eessoo hanga Jibuutii jiru humna elektirikaa argachaa waan hin jirreef tajaajilichi  adda cituu dubbatan.

Baaburoonni 18 daandiirra dhaabbachuuf dirqamuu eeruun, buufatarrattis tajaajilli fe’umsaa danqamuu kaasaniiru.

Kana malees baaburoonni tajaajila geejjibaa uummataa kennan 6 dhaabbachuu himan.

Daayrektarri Kominikeeshinii Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa Mogas Mokonnin gamasaaniin, naannoo Awaashitti utubaawwan daddabarsa humna ibsaa sadiirratti gochi hannaa raawwatamuu  mirkaneessaniiru.

Rakkoo kana hordofee Awaash irraa eegalee humni ibsaa gara bahaa adda cituu kaasaniiru.

Rakkinicha furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeruun, guyyoota muraasa fudhachuu akka malu ibsaniiru.

Birhaanuu Abarraatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.