Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila fayyaa hundagaleessaa fooyyessuuf hojiileen hojjetamaa jiran cimanii itti fufu-Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Hagayya 7, 2015(FBC)- Ityoophiyaatti tajaajila fayyaa hundagaleessaa fooyyessuuf hojiileen hojjetamaa jiran cimanii kan itti fufan ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Liyaa Taaddasaan ibsan.

Dooktar Liyaan Finfinneetti kan ijaaramu Giddugala Baankii Baayoo fi Oomisha Saamuda Mirkaneessaa Qulqullina Laabiraatoorii har’a jalqabsiisaniiru.

Saganticharratti Dooktar Liyaan akka ibsanitti, giddugalichi dhaabbileen fayyaa mootummaa fi dhuunfaa sakattaa’a sadarkaa qulqullina laabiraatoorii taasisan biyya keessatti akka argatan kan taasisuudha.

Dhibeewwan abuuruun balaawwaan fayyaa bifa weeraraan mudataniif deebii barbaachisaa kennuuf sadarkaan laabiraatooriiwwaniif kennamu murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Hanga ammaatti saamudni qulqullinaa dhaabbilee sadarkaa idil addunyaatti bittaan kan argamu ta’uu ibsanii, sirni tajaajila laabiraatoorii kunis guutuu akka hintaane taasiseera jedhan.

Dabalataanis, Ityoophiyaa baasii sharafa alaatiif saaxilaa turuu yaadachiisan.

Giddugalli ijaarsii isaa har’a eegalames, gara hojiitti wayita seenu rakkoolee jiran hambisuun kenniinsa tajaajila laabiraatoorii biyyattii gara sadarkaa caaluutti kan ceesisuudha jedhaniiru.

Ijaarsi giddugalichaas baasii Birrii miiliyoona 885 kan ijaaramu yoo ta’u, baasiin isaas mootummaa Ityoophiyaa fi Baankii Addunyaan kan uwwifamu ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.