Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila bittaa fi dhabamsiisa qabeenya mootummaa si’ataa taasisuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Tajaajila bittaa fi dhabamsiisa qabeenya mootummaa si’ataa taasisuuf hojjetamaa jira jedhame.

Tajaajila bittaa fi dhabamsiisa qabeenya mootummaa si’ataa taasisuuf rakkoolee keessoo hiikuu, hojii caasaa ammayyeessuu, hojmaatawwan sakatta’uu, humna hojjettootaa ijaaruu fi rakkoolee seerarratti mul’atan furuun hojjetamaa akka jiru Ejansiin Tajaajila Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa beeksise.

Daayrektarri Ejensichaa aadde Tsiwwaayee Mulunaa dhimma kana ilaalchisuun ibsanitti, hojiileen ejansichaa waajjiraalee mootummaaf bittaa meeshaalee taasisuu fi qabeenyawwan dhabamsiifamuu qaban dhabamsiisu yoo ta’u, kunis si’ataa akka ta’uuf hojmaatasaa foyyeessuun hojjechaa jira jedhaniiru.

Kana malees kanaan dura bittaa meeshaalee taasisuuf baatiwwan ja’aa fi isaa ol fudhataa akka ture himuun, kunis dhiibbaa hojiirratti qabu hubachuun hojmaata keessoo sakatta’uun akka furamu ta’eera jedhan.

Haaluma kanaan yeroo ammaa qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin kutannoon hojjechuun, kanaan dura adeemsa gamaaggama dursaa guyyoota 15 fudhatu ture gara torban tokkootti, gamaaggamni teknika guyyoota 15 fudhatu gara guyyoota 15tti, yeroon gamaaggama caalbaasii ji’a tokko ture guyyaa saditti gadi buusuun adeemsa bittaa fi dhabamsiisaa yeroo gabaabaa fi si’ataa taasisuusaa himaniiru.

Bara 2008tti gama konkolaattoota dhabamsiisuutiin waajjiraaleen odeeffannoo qulqulleessanii dhiyeessuu dhabuutiin konkolaattonni 688 ol kuufamani kan turan ta’uu Aadde Tsiwwaayee himanii, kanas qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun odeeffannoo qulqulleessuun hojiin dhabamsiisuu yeroo dhiyootti kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru jechuun Ejansii Pireesii Ityoophiyaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.