Fana: At a Speed of Life!

Taateewwan sababa walitti bu’iinsaan raawwataman kan isaan gaddisiise ta’uu Ittaantuun Barreessituu Olaantuu DhMG ibsan

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2014 (FBC) – Taateewwan sababa walitti bu’iinsaan Ityoophiyaatti raawwataman kan isaan gaddisiise ta’uu Ittaantuun Barreessituu Olaantuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad ibsan.

Ittaantuun Barreessituu Olaantuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad turtii isaanii Ityoophiyaa ilaalchisee guyyaa har’aa miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Yeroo hammaa haalli walitti bu’iinsaa akka baatiiwwan darbanii akka hin taanee fi irra jireessaan tasgabbaa’uu ibsaniiru.

Bakkeewwan walitti bu’iinsi uumametti dhiyeessiin deeggarsa namoomaa cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

Fuulduratti karoorri Ityoophiyaan marii waliigaltee biyyaalessaa gaggeessuuf yaadde nageenya waaraa biyyattiif furmaata ta’uu kan amanan ta’uu kaasaniiru.

Ittaantuun Barreessituu Olaantuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad turtii isaanii Ityoophiyaatiin naannolee Amaaraa fi Afaaritti miidhaa gareen shororkeessaa qaqqabsiise daawwataniiru.

Tsaggaayee Wandiwasanii fi Hayilayyasuus Makonnintu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.