Taatee eda Kibbaa fi Kibba Lixa Itiyoophiyaatti Samiirratti mul’ate
Finfinnee, Amajjii 2, 2017 (FMC) – Eda galgala naannawaa sa’aatii 1:30 Taateen addaa Kibbaa fi Kibba Lixa Itiyoophiyaatti Samiirratti mul’achuu Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa beeksise.
Kutaalee Kibbaa fi Kibba Lixa Itiyoophiyaatti wanti tuuta Qaanqee Ibiddaa fakkaatuu samiirra socho’aa turuu ibseera.
Godinaalee Gujii fi Booranaatti qaanqeen kun samii keessa balali’aa turuu dhaabbatichi himeera.
Wantoonni kunneen gara Kallattii Kibba Itiyoophiyatati waayita saffisaan socho’an mul’achuu ibseera.
Taateen kun Taatee uumamaa ta’uu isaa mirkaneessuuf hojiin qulqulleessaa hojjetamaa jiraachuu eereera.
Hojiin qulqulleessuu akkuma xumurameen hawaasaaf kan ifoomsu ta’uu himeera.
Hojiin qulqulleessuu hanga xumuramutti hundi tasgabbiin akka eeguu waamicha dhiyeesseera.
#Oromia #Ethiopia