Fana: At a Speed of Life!

Taanzaaniyaan Hoggantoota paartilee siyaasaa baqattummaan biyya alaa jiraatan akka deebi’an waamicha dhiyeessite

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC) – Taanzaaniyaan hoggantoota paartilee morkattootaa biyyatti baqattummaan biyya alaa jiraatan gara biyya isaaniitti akka deebi’an waamicha dhiyeessite.
 
Morkataan Paartii siyaasa biyyattii beekamaan Chaadmaa, biyyattiitti tasgabbiin siyaasaa dhabamuurraan hoggantoonni paartichaa hirkattummaa gaafachuun biyyaa alaa jiraatan akka gara biyya isaanitti deebi’aniif gaafateera.
 
Paartichi waamicha kan dhiyeesse mootummaan Taanzaaniyaa garaagarummaa ilaalcha siyaasaan roorroo isaanirra ga’u baqachuun kanneen ala jiraan akka gara biyyaattii deebi’an erga waamicha dhiyeesseen booda jedhameera.
 
Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa Taanzaaniyaa ibsa tibbana baaseen mootummaan hoggantoota paartilee siyaasaa garaagarummaa ilaalcha siyaasaan baqattummaan jiraataan waliin mari’achuu beeksiseera.
Hoggantoonni paartilee morkattootaas wayita gara biyya isaaniitti deebi’an, nageenyummaa isaaniif wabii akka ta’u ministeerichi hubachiisuu BBC’n gabaaseera.
 
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.