Taaksiin Weet Biluu fi Peeksilirra taa’ee ture ka’e – Ministira Daldalaa fi Industirii
Finfinnee, Muddee 29, 2012 (FBC) – Gabaa alaaf kan dhiyaatan Weet Biluu fi Peeksiliirra taaksiin kaa’amee ture ka’uusaa Ministirri Daldalaa fi Industirii beeksise.
Mootummaan damee misooma industirii gogaa guddisuuf tarkaanfiwwan garagaraa fudhachaa jira.
Seektetaroota dhuunfa damicharratti bobba’aniif hojii ce’umsa teeknooloojii fi beekumsa, deeggarsa teekiniikaa fi ijaarsa dandeetti, akkasumaas dhiyeessii humna namaa raawwachaa akka jiru deettaan Ministira Daldalaa fi Industirii obbo Takkaa Gabrayesuus ibsaniiru.
Bu’aan sharafa alaa damicharraa argamu yeroodhaa gara yerootti dabalaa jirachuu kan himan obbo Takkaan guddinni damichaan galmaa’aa jiru sadarka barbaadamerra hin geenye jedhaniiru.
Addunyaarratti sababii fedhiin gogaa gad-bu’ee fi damicharratti kan muldhatu alergiin daldalaa dadhabuun biyya keessatti qisaasamnii fi kuufamni Weet Biluu fi Peeksil qaqqabeera.
Kana hir’isuuf damee industirii gogaa jajjabeessuu, Weet Biluu fi Peeksilii biyyaa keessa qisaasamarraa oolchuu fi mootummaan galii fi sharafa alaa damicharraa argachuu malu guddisuu fi abbootii qabeenyaa damichaa dandeettii faaynaansii isaanii guddisuun Weet Biluu Peeksilii gogaa hoolaa, re’ee fi qotiyyoorra kaa’ame qaraxni alergii guutummaatti ka’uu isaa Ministerri Daldalaa fi Industirii beeksiseera.