Fana: At a Speed of Life!

Taajaajilli eeyyama ijaarsaa fi itti fayyadama gamoo oonlaayinii kennamuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Abbaan Taayitaa To’annoo Fi Eeyyamaa Ijaarsaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, taajaajila eeyyama ijaarsaa fi itti fayyadama gamoo oonlaayiniin kennuu eegaleera.

Abbaan taayitichaa tajaajilamtootaaf tajaajila saffisaa, baasii qusataa fi malaanmaltummaarraa walabaa kennuuf eeyyamaa ijaarsaa fi ittifayyadamaa gamoo oonlaayiniin eegaluu har’a ifoomseera.

Sirnii oonlaayinii kun tajaajila Abbaan Taayitichaa kennu kan ammayeessuu ta’uu eerameera.

Tajaajilamtoonni har’arraa eegaluun tooraa marsariitii www.Business.gov.et fayyadamuun tajaajila argachuu akka danda’an ragaan Abbaa Taayiticharraa argame ni mul’isa.

Abbaan Taayitichaa fuulduratti tajaajiloota biroos oonlaayii kennuu kan itti fufuuf kan hojjetu ta’uun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.