Fana: At a Speed of Life!

Suuqiin gogaafi bu’aalee gogaa qaraxarraa bilisaa baname

Finfinnee, Hagayya 27, 2014(FBC)-  Suuqiin gurgurtaa gogaafi bu’aalee gogaa qaraxarraa bilisaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti banamuu Ministeerri Indaastirii beeksise.

Ministeerri Indaastirii qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun suuqii gurgurtaa gogaafi bu’aalee gogaa qaraxarraa bilisaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee keessatti bane ifatti eebbisiiseera.

Suuqichi oomishaalee Ityoophiyaa beeksisuufi daldala alaa damichaa guddisuuf kaayyeffatamee banamuu ibsameera.

Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allabal haasawaa taasisaniin, damichaan guddina hunda galeessa fiduuf qaamolee deeggartootaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Galii daldala alaa, dandeettii oomishtummaa guddisuuniifi milkaa’ina sosochii “Ityoophiyaan haa oomishtuu” ijaarsa maqaa gaarii biyyattii guddisuuf akka biyyaatti eegalame dhugoomsuuf gahee qabaachuu kaasaniiru.

Piroojektoonni akka kanaa dorgomtummaa guddisuuf, beekumsaafi teekinooloojii ceesisuuf akkasumas oomishtummaa guddisuuf shoora olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Dhaabbileen suuqii gogaafi bu’aalee gogaa qaraxarraa bilisaa keessatti hirmaatan 8 oomishaalee isaanii agarsiisaafi gurgurtaaf dhiyeessuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.