Suphaan daandii Adaamaa-Awaash- Mi’eessoo eegale
Finfinnee, Bitootessa 27, 2014 (FBC) – Qaama daandii Ityoo- Jibuutii kan ta’e suphaan daandii kiiloomeetira 60 Adaamaa-Awaash- Mi’eessoo eegaluu ibsame.
Faayidaa diinagdee fi hawaasummaa daandichi qabuun tajaajila fooyya’aa kennuu akka danda’utti akkasumas yaa’iinsa tiraafikaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufe haala ga’aa ta’een keessummeessuu fi gabaa al-ergii fi alaa galan si’ataa taasisuuf hojiin suphaa olaanaan daandichaa eegalamuu Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Ityoophiyaa beeksiseera.
Suphaa daandichaaf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu eerameera.
Suphaa daandichaaf Birrii miiliyoonni dhibbi 8 fi miiliyoonni 16 guutummaan guutuutti baasii mootummaa Ityoophiyaan kan uwwifamu ta’uu ibsameera.
Proojektiin suphaa daandichaa aanaalee Adaamaa fi Boosat akkasumas gandoota Daabee Solooqee fi Walancitii kan walquunnamsiisu ta’uu eerameera.
Hojiin to’annoo fi gorsaa suphaa daandichaa Dhaabbilee Diizaayinii Konistraakshinii Ityoophiyaa fi Korporeeshinii Hojiilee Suupparviizhiniin hojjetamaa jiraachuu ragaan Abbaa Taayiticharraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.