Fana: At a Speed of Life!

Sulula Gaazaatti guyyoota sadiif kan turu waliigalteen dhukaasa dhaabuu gaggeeffame

Finfinnee, Hagayya 2, 2014 (FBC) – Israa’eel hidhattoota Filisxeem waliin Sulula Gaazaatti dhukaasa dhaabuuf waliigalteeerra ga’uu beeksiste.

Jaarsummaa Ijibtiin, waliigalteen dhukaasa dhaabuu irra ga’ame akka sa’aatii biyyattiitti kaleessaa sa’aatii 11:30 eegalee hojiirra kan ooluudha jedhameera.

Waliigaltechi gama lameeniin haleellaa qilleensaa fi rookeettii kan dhaabuudha jedhameera.

Israa’eel jireenyi guyyuu lammiilee ishee nagaa akka ta’u kan yaaddessuun ta’uu ibsuun, waliigalteen dhukaasa dhaabuu kunis yoo cabee fi irra deebiin haleellaan kan geggeeffamu yoo ta’e tarkaanfii akka fudhattu akeekkachiisteetti.

Gamaa lameeniin waliigalteerra ga’amuun dursee hidhattoonni Filisxeem haleellaa rookeetii Israa’eel irratti gaggeessaniin %96 kanneen ta’an farra misaa’elaan fashalaa’uu RT’n gabaaseera.

Israa’eelis, dursaan hidhattootaa keessatti argama jettee kan tilmaamtu gamoo Gaazaatti argamurratti haleellaa qilleensaa gaggeessisteen Ajajaa Waraanaa Taayisar Al Jabariin jedhamu ajjeestieetti.

Dabalataan, haleellaa raawwatteen mankuusaawwan dhiyeessii galtee hidhattootaa fi bakkeewwan hordoffii kan barbadeessite yoo ta’u, hogganaan waraanaa maqaan hineeramiin ajjeefamuun gabaafameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.