Fana: At a Speed of Life!

Sudaanitti lammiilee Ityoophiyaaf deeggarsi barbaachisaan taasifamaa jira-MDhA

Finfinnee, Eebla 18, 2015 (FBC)-Sudaanitti lammiilee Ityoophiyaaf deeggarsi barbaachisaan taasifamaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Ministeerichi, naannoon Embaasiin Ityoophiyaa Kaartuum keessatti argamu naannawaa waraanaa ta’uu ibseera.

Keessumaa sababa addaan cituu elektirikaan, nyaata argachuunis ta’e embaasii seenuun rakkisaa ta’uu beeksiseera.

Haaluma kanaan, lammiilee tumsuu fi jireenyaa dippilomaatotaa balaarraa waan buusuuf, embaasichi hojjettootaa muraasa hambisuun Ambaasaaddarichaa dabalatee kanneen biroon hafan Gadariif irraa hojiilee isaanii akka itti fufaa jiraachuu eereera.

Lammiileefis deeggarsaa barbaachisuuf xiyyeeffannaa kennuun hojjechaa jiraachuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.