Fana: At a Speed of Life!

Sudaanitti awwaalchi jumalaa aanga’oota waraanaa argame

Finfinnee, Adoolessa 17, 2012 (FBC) – Sudaan awwaalchi jumalaa aanga’oota waraanaa argamuu beeksiifte.
 
Awwaalchi Jumalaa kun kan aanga’oonni waraanaa biyyattii bara Faranjootaa 1990 itti awwaallaman ta’uu Abbaan Alangaa Waliigalaa Sudaan beeksiseera.
 
Aanga’oonni waraanaa kunneen preezdaantii duraanii Sudaan Oomaar Hasan Al Bashir irratti warreen yaalii fonqolcha mootummaa taasisan ta’uu ibsameera.
 
Akka ibsa Abbaa Alangichaatti awwalcha jumalaa kana keessaa reeffii aanga’oota waraanaa duraanii 28 argameera.
 
Bara Faranjootaa 1989 fonqolcha mootummaan gara aangootti kan dhufan preezdaantiin Sudaan duraanii Oomaar Hasan Al Bashir waggaa tokko booda yaaliin fonqolcha mootummaa irratti gaggeeffamee ture.
 
Yeroo sanatti qaamooleen yaalii fonqolcha mootummaa kanarratti hirmaatan hundi ajjeefamanii turan jedhame.
 
Yeroo ammaa mana hidhaa keessa kan jiran Al Bashir fonqolcha mootummaan gara aangootti dhufuu isaanii dabalatee dhimmoota hedduun himannaan irratti banamee jira.
 
Dhimmoonni ittiin himataman haqa ta’ee argamnaan murtii du’aatu isaan eeggata jedhame.
 
Manni murtii yakkamtoota idila addunyaa ammoo Dhiha Daarfuuliitti yakka Waraanaa fi yakka sanyii duguuggaan isaan himataa jira.
 
Oomaar Hasan Al Bashir waggoota 30f Sudaan erga bulchanii boodaa mormii uummataa bara darbe isaan muudateen aangorraa bu’aniiru.
 
Maddi:-BBC
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.