Fana: At a Speed of Life!

Sudaan sochii seeraan alaa daangaarratti taasiftu itti fufteetti-Ministeera Dhimma Alaa

Finfiinnee, Amajjii 4, 2013 (FBC)-Sudaan naannoo daangaa Ityoophiyaatti sochii seeraan alaa taasisfuu itti fufuu ishee dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa ambaasaaddar Diina Muftiin himaniiru.
Ambaasaaddarichi haala siyaasaa biyyattii fi taateewwan torbanii ilaalchisuun ibsa lataniiru.
Ityoophiyaan yeroo garagaraatti humnoota alaa waliin lola taasiftuus lollii bu’a akka hin qabne ni hubatti jedhan.
Ityoophiyaa fi Sudaan gara walitti bu’iinsaatti akka galan taasisuun bu’a siyyaasaa argachuuf fedhiin qaamoleen garagaraa akka jiru ibsaniiru.
Ityoophiyaan filannoo waraanaatti akka hin fayyadamnees hubachiisaniiru.
Uummattoonni Ityoophiyaa fi Sudaan hariiroo bara dheeraa qabachuu isaaniitin guddina waloo malee lolaa akka hin barbaanne ibsaniiru.
Faalla isaatiin Sudaan naannoo daangatti ammaas haala cimaa ta’een lolichaa gageessaa jiraachuu himaniiru.
Ityoophiyaan nageenyaa fi dippiloomaasiif dursaa ni laatti kan jedhan ambaasaaddarichi, waraanni Sudaan daangaa kutee galuun sochii seeraan alaa taasisaa jiruuf obsuun ishee sodaa akka hin taanee yaadachiisaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.