Fana: At a Speed of Life!

Sudaan Kibbaatti lolaa hamaa mudateen midhaan toonii kuma 37 ol barbadaa’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC)- Sudaan Kibbaatti lolaa hamaa mudateen midhaan toonii kuma 37 fi 624tti tilmaamamu barbadaa’uu dhaabbanni Nyaataa Addunyaa beeksise.

Biyyattiitti caamsaa darberraa eegalee lafti heektaarri kuma 65 fi 107 bishaaniin uwwifamuu dhaabbatichi ibseera.

Balaan lolaa biyyattiitti mudate kun uummatarratti miidhaa wabii nyaataa qaqqabsiisuu akka danda’a Anaadooluun dhaabbaticha wabeeffachuun gabaaseera.

balaan kun waggoota dheeraaf irra deddeebiin waan mudatuuf balicha dandamatanii jiraachuun itti ulfaachaa dhufuu jiraattonni eeraniiru.

Kutaa bulchiinsaa biyyattii 10 keessaa 8 keessatti balaan kun qaqqabuu fi lammiileen kuma dhibba 8 fi kuma 35 ol miidhamuu gabaasichi ifoomseera.

Balaa kanaan bineeldonni kuma dhibba 7 fi kuma 95 fi 558 du’uu gabaasichaan ibsameera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.