Fana: At a Speed of Life!

Sudaan Kibbaa Waliigaltee Yaa’a Laga Abbayyaa raggaasiste

Finfinnee, Adoolessa 10, 2016 (FBC)-Sudaan Kibbaa Waliigaltee Biyyoota Yaa’a Laga Abbayyaa raggaasiste.

Biyyattiin Waliigalticha raggaasisuu ilaalchisuun Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti, waliigalteen Biyyoota Yaa’a Laga Abbayyaa Sudaan Kibbaattiin raggaasifamuun Itiyoophiyaaf seenaa qabeessa.

Milkaa’inni dippilomaasii kun, fedhii waloo walta’iinsa naannawaa Yaa’a Abbayyaa keessatti tarkaanfii murteessaa ta’uu kan argisiisuudha jedhaniiru.

Sudaan Kibbaan Raggaasifamuun waliigaltichaa Komishinii Bishaan Abbayyaa hundeessuun faayidaa waloo ummata keenyaaf hojjachuuf kaka’umsa kan uumu ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.