Fana: At a Speed of Life!

Sudaan Kibbaa waan Ityoophiyaa miidhu hin raawwattu – Ityoophiyaatti ambaasaaddara biyyattii

Finfinnee, Caamsaa 27, 2012 (FBC) – Sudaan Kibbaa karaa kamiinuu waan Ityoophiyaa miidhu hin raawwattu jedhan Ityoophiyaatti ambaasaaddarri biyyattii Jams Piippiyaa Moorgaan.
 
Sudaan Kibbaa Gibtsiif buufata waraanaa hin laannes jedhaniiru.
 
Oduun dhimma kanarratti tamsa’aa ture olola sobaa ta’uu Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.
 
Qaamoleen odeeffannicha tamsaasaa turan tumsaa fi hariiroo gaarii biyyoota lamaanii booressuuf kaayyeffataniitis jedhan.
 
Sudaan Kibbaa yeroo rakkoo keessa turtetti Ityoophiyaan oolmaa jabaa ooltettiifis jedhan.
 
Kun ammoo yoomiyyuu kan dagatamuu mitiin eeran.
 
Hala kamuu keessatti Sudaan Kibbaa Ityoophiyaa waliin kan dhaabbattu ta’uus ambaasaaddarichi beeksisaniiru.
 
Qaamni karaa Sudaan Kibbaatin Ityoophiyaa miidhuuf dhufu dura lammiilee Sudaan Kibbaa miidhas jedhan.
 
Sudaan Kibbaa Ityoophiyaan qabeenya uumamaashee akka fayyadamtu ni deeggartis jedhan.
 
Ministeerri Dhimma Alaa fi Tumsa Idil Addunyaa Sudaan Kibbaatis ibsa kaleessa baasen dubbichi olola ta’uu beeksisuun isaa ni yaadatama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Alaazaar Taaddalaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.