Fana: At a Speed of Life!

Sudaan Kibbaa buusii waggaa kaffalu dhiisuu ishiittin Gamtaa Afrikaa irra dhorkaamte

Finfinnee,Waxabajjii 14, 2012 (FBC) – Sudaan Kibbaa buusii waggaa kaffalu dhiisuu ishiittin Gamtaa Afrikaa irra dhorkaamte.

Gamtaan Afrikaa Sudaan Kibbaa buusii waggaa ishiirraa eegamu kaffaluu dhabuu ishiin gamtichaa irra akka dhorkaamte ibsame.

Sudaan Kibbaa walitti aansuun waggoota sadiif buusii ishiirra eegamu waan hin kaffaleef dhorkamuu ishii Itoophiyaatti kan argamu Imbaassii Sudaan Kibbaa xaalayaa Ministirraa dhimma alaa biyyaattiif barreessen mirkaneseera.

Ministirri dhimma alaa biyyaatti Gamtaa Afrikaa irra dhorkamu ishii ibsuun dhorkaan kun miseensumaa Gamtichaa osoo hin taanee walga’iiwwan Sudaan Kibbaa akka hin hirmannee ta’u beeksisan.

Itti aanaan dubbii himaan Ministiraa dhimma alaa biyyaatti Hakim Ediwariidii Sudaan Kibbaa buusii waggaa kaffaluu dhiisuun Gamtaa Afrikaairra biyyoota dhorkaaman keessaa ishii tokkoo jedhan.

Itti aanaan dubbii himan kun Ministirrii dhimma alaa Ministiraa Faayinaansi waliin ta’uun rakkoo kana akka hiikuu beeksisera jechuun CGTN gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.