Fana: At a Speed of Life!

Sudaan humni nagaa kabachiisaa Daarfuul akka turu gaafatte

Finfinnee,Bitootessa 2, 2013 (FBC) – Sudaan yeroon humni nagaa kabachiisaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Daarfuulii ba’u akka dheeratu gaafatte.
Kaartuum iddoolee rakkoo sodaa nageenyaa qabdu Kaampiwwan lama Kaalmaa fi Soortooniiyitti humni nagaa kabachiisaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessa akka ture fedhii qabaachuu ibsameera.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti itti gaafatamaan damee qajeelchaa deeggarsaa Atuul Hareen gaaffii dhiyaateef deebii gaarii laachuuf yaaduu isaanii ibsameera.
Jiraattoonni Kaalmaa fi Soortooniiy humni nagaa kabachiisaa kun ba’uu isaa mormuun hiriira mormii gaggeessaniiru.
Humni nagaa kabachiisaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hanga dhuma baatii Caamsaatti iddicha gadi lakkisee akka ba’u murtoon darbuun isaa kan yaadatamuudha.
Maddi:-Sudaan Tiriibiiyuun
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.