Fana: At a Speed of Life!

Sudaan humna poolisii ogeessota fayyaashee haleellarraa eegan hundeessufi

Fifninnee, Caamsaa 16, 2012 (FBC) –– Sudaan humna poolisii ogeessota fayyaashee haleellarraa eegan akka hundeessitu ibsite.

Weerarri vaayrasii koroonaa babal’churratti hunda’uun ogeessota fayyaa irratti dhiibbaa ga’aa jiru hambisuuf humna poolisii hundessuuf qophirra jiraachuu waajjirri muummee ministiraa biyyaatti beeksise.

Muummee ministira Sudaan Abdallaa Haamdook, rakkichaaf furmaata kaa’uuf ogeessota fayyaa waliin marii taasisaniiru.

Mootummaan ogeessota fayyaaf eegumsa taasisuuf wixinee labsii baasaa jira jedhaniiru.

Baatiiwwan lamaan darbanitti biyyattitti ogessoota fayyaa fi dhaabbileerratti irra deddeebin haleellan raawwatamu koreen Dooktaroota Sudaan dubbataniiru.

Waggoota kudhaniif waransaan balaa keessa kan turte Sudaan sirni fayyaa ishii laafaa ta’u ibsameera.

Maddi:-Aljaziira

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.