Fana: At a Speed of Life!

Sudaan dhimma daangaa Ityoophiyaa waliin qabdu dippiloomaasii fi mariin akka furamuu Sudaan kibbaa yaadachiifte

Finfinnee, Muddee 30, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Sudaan kibbaa Saalvaa Kiir Sudaan daangaan walqabsiisee dhimma Ityoophiyaa waliin qabdu dippiloomaasii fi mariin akka furamuu yaadachiisaan.
Preezdaant Saalvaa Kiir jila mana maree birmadummaa sudaan kan ta’an Shaams Li Diin Kaabaashiin durfamu waajjira isaaniitti simachuun mari’ataniiru.
Wayita kanas dhimmoota biyyoota lamaanii fi naannoorratti mari’ataniiru.
Preezdaantichi manni maree birmadummaa Sudaan dhimma daangaa Ityoophiyaa waliin qabdu karaa nagaa fi dippiloomaasii akkasumaas mariin akka furamuu kan yaadachiisa.
Naannichaatti waraanni kamiyyu hin barbachiisu kan jedhan preezdaantichi dhimmi daangaa biyyoota lamaanii karaa nagaan furamuu qaba jedhaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.