Fana: At a Speed of Life!

Sudaan daangaa naannoo Gadaariif Ityoophiyaa waliin qabdu cufte

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2013 (FBC) – Sudaan daangaa naannoo Gadaariif Ityoophiyaa waliin qabdu cufuu ishee beeksiifte.
 
Mootummaan Ityoophiyaa garee finxaaleeyyi ABUT irratti tarkaanfii fudhachuu eegaluu isaan Sudaan daangaa naannoo Gadaariif Ityoophiyaa waliin qabdu cufuu ishee beeksifteerti.
 
Aanga’oonni bulchiinsa Gaadaariif har’aa eegalee daangaan naannoo Gaadaariif Ityoophiyaa waliin jiru cufaa ta’uu beeksiisaniiru.
 
Hanga ibsi biroo laatamutti daangichi cufaa ta’ee kan turu ta’uu Tajaajilli Oduu Sudaan ifoomseera.
 
Sudaan daangaa bulchiinsa naannoo Kasalaa Ityoophiyaa waliin qabdu cufuun ishee kan yaadatamuudha.
 
Qaamni nageenyaa naannichaa daangicha dammaqinaan akka eegu ajajnyi laatameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.