Sudaan aanga’oota duraanii yakka waraanaa Daarfuur raawwatan dabarsitee laachuuf murteessite
Finfinnee, Waxabajjii 20, 2013 (FBC) –Sudaan aanga’oota duraanii yakka waraanaa Daarfuur raawwachuun seeraan barbaaddaman Mana Murtii Waraanaa Idil Addunyaaf dabarsitee laachuuf murteessuu ibsame.
Aanga’oota dabarsitee laachuuf murteessite keessaa Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa biyyattii duraanii Abdalraahiim Mahaammad Annaa fi Ministirri Ministeera Biyya keessaa kan turan Ahimad Haruun keessatti argamu jedhame.
Murtichi miseensonni Kaabinee biyyattii sagalee guutuun raggaasiisuu ibsameera.
Murtichi naannichatti nageenyaa fi tasgabbii fiduu akka danda’u itti amanameera.
Sudaan kana duras preezdaantii biyyattii duraanii Oomaar Albashir mana murtii yakka waraanaa idil addunyaaf dabarsitee laattuus hanga ammaatti hojiirra hin ollee jedhameera.
Waraanni Daarfuur bara Faranjootaa 2003 kan eegalame yoo ta’u, walitti bu’iinsa sadarkaa idil addunyaa gaaga’ama lubbuu fi mirga namoomaa olaanaan uumee keessaa isa tokko ta’uu eerameera.
Lola gaggeeffame kanaan lubbuun namoota kuma dhibba 3 kan darbe yoo ta’u, lammiileen miiliyoonaan lakkaawwaman qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniiru.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.