Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin ” Ityoophiyaan haa Oomishtuu ” naannoo Harariitti gaggeefamaa jira

Finfinnee, Mudde 22, 2015(FBC)- Sosochiin ” Ityoophiyaan haa Oomishtuu ” naannoo Harariitti gaggeefamaa jira.

Pireezidaantiin naannoo Hararii Obbo Oordiin Badriin saganticharratti haasawaa taasisaniin,  Ityoophiyaan dhiibbaa alaafi keessaa dandamachuun  diinaagdee cimaa ijaaraa jiraachuu ibsaniiru.

Sosochii Ityoophiyaan haa oomishtu jedhuun jijjiiramniifi bu’aan argame kan dinqisiifatamu ta’uu kaasaniiru.

Naannichattis hojii damee tuurizimiifi indaastiriin hojjetaman karaa hundaan deeggaruuf mootummaan kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Indaastirii obbo Hasan Mahaammad gamasaaniin, hanga meeshaalee alaa galanii xiqqeessuuniifi al-ergii guddisuun carraa hojii uumuu babal’isuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Oomisha biyya keessaatiin boonuufi binnee itti fayyadamuun oomishtummaa guddisuuf waliin haa hojjennu jedhan.

Yaasin Shamsuddiintu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.