Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin Ityoophiyaan Haa oomishtuu hojiirraa erga oolee bu’aa jajjabeessaan galmaa’eera-Ministira Indaastirii

Finfinnee, Mudde 20, 2015(FBC)- Ityoophiyaatti Sosochii “Ityoophiyaan Haa Oomishtuu” erga hojiirra oolee yeroo gabaabaa keessaatti bu’aa jajjabeessan galmaa’uu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allabal.

Sochiin biyyolessaa “Itoopiyaan haa Omishtuu” Bulchinsaa Magalaa Dirree Dhawatti eegalameera.

Sagaanticharratti Hogganaan Biiroo Daldalaa fi Indaastirii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Haarbiibuuh, damee teeknooloojiin indaastirii dadhabii namaa hambisee fi guddina addunyaan amma irra geesseef bu’ura ta’uu kaasanii, Dirree Dhawaanis bu’uura indaastirii biyyatti ta’uu himaniiru.

Magaalaan Dirree Dhawaa giddugala indaastirii akka taatuuf mootummaan xiyyeefannaa kannee hojjechaa jira kan jedhan Kaantiibaan Bulchinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar warshaan huccuu omishuu warshalee hundeefama magalaattii waliin hojii eegalan keessaa ta’uu dubbataniiru.

Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allabaal gama isaaniin dameen indaastirii bu’uuraalee misomaa waan barbaaduuf xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Bara 2014 mata duree “Ityoophiyaan haa oomishtu” jedhuun sosochiin eegalame milkaa’ina argisiisuu kaasanii, Dirre Dhawaatti invastaroonni alaa hedduun hojii invastimantiirratti bobba’anii hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Sochii magaalattiitti mul’atu cimsuufis Ministeerri Indaastirii deeggaarsa barabachisaa taasisuu itti fufa jedhaaniiru.

Yaasin Shamsuddiintu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.