Sosochiin galii walitti qabuu Hidha Haaromsaa magaalaa Finfinneetti eegalame
Finfinnee, Eebila 13, 2013 (FBC) – Sosochiin galii walitti qabuu Hidha Haaromsaa magaalaa Finfinneetti eegalameera.
‘Hidhaan Haaromsaa mallattoo tokkummaa fi birmadummaa keenyaati’ mata duree jedhuun sosochiin galii walitti qabuu guyyoota 3f turu kutaalee magaalaa Finfinnee 11 keessa eegaleera.
Sagantaa kana waajjirri qindeessaa hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsaa magaalaa Finfinnee fi Dhaabbanni Seenaa, aadaa fi Eeggumsa hambaalee Ityoophiyaa waloon qopheessuu ibsameera.
Ummata kakaasuun hirmaannaa ummataa cimsuu fi hidhicharratti hubannoo uumuuf kaayyeeffamee ta’uu eerrameera.
Guutinsa Bishaanii marsaa 2ffaa baatii adooleessaa 2013 gaggeeffamuuf hawaasni qooda irraa eeggamu akka ba’uuf sagantaa qophaa’e ta’uus himameera.
Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa mallattoo fi seenaa sabaa fi sablamoota ummattoota Ityoophiyaa ta’uu isaan hawaasni milkaa’insa ijaarsa isaaf shoora irraa eeggamu akka ba’u gaafatamuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Sosochii magaaloota 32 fi aanaalee 200 keessatti gaggeeffamuun Birrii miiliyoona 11.8 walitti qabuuf karoorfamuu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.