Sosochiin dubbisaa sadarkaa Oromiyaatti guyyaa har’aa ifaan eegale
Finfinnee, Amajjii 4, 2014 (FBC) – Sosochiin dubbisaa Qindeessummaa Biiroo Aadaafi Tuuriizimii Oromiyaatiin guyyaa har’aa guutuu Oromiyaatti ifaan eegalameera.
Amajjii 04 guyyaa dubbisaa akka ta’u kan murtaa’e yoo ta’u ji’aa kana irraa eegaluun ji’a ji’aan jiini seenee guyyaan Arfaffaan guyyaa dubbisaa ta’ee kan itti fufu ta’a jedhame.
Sosochiin dubbisaa naannoo Oromiyaa guyyaa har’aa Bulchiinsa magaalaa Sabbataatti bakka Sadarkaa Itti Aanaa Preezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhakim Muluu fi Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Usumaan argamanitti ifaan eegaleera.
Obbo Abdulhakim Moluu saganticharratti kallattii kennaniin dhaloonni hanqina qabu guutuuf dubbisuu qaba jedhan.
Aaddunyaa yeroo ammaa dorgommiin itti baay’ete keessatti dorgomaa ta’anii jiraachuuf dubbisuu aadaa taasisuun dhimma filannoo otuu hin ta’in, dirqama ta’uun hubatamee hunduu aadaa dubbisaa qabu gabbifachuu qabas jedhaniiru.
Furtuun rakkoo keenyaa beekumsaan hiikkama kan jedhan obbo Abdulhaakim beekumsa argachuuf ammoo dubbisuun dirqama waan ta’eef dhaloonni kun dubbisuu idileeffachuu akka qabu himaniiru.
Abbootiin Gadaa, Hadholiin Siinqeefi Abbootiin amantaa ijoolleen dudhaa fi safuu Oromoo beekuuf akka dubbisan gorsuu qabu jedhaniiru.
Yoo dubbisne waa hubanna, yoo hubanne biyya jijjiirra kan jedhan Hoggantuun Biiroo Aadaafi Tuuriizimii Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Usumaan.
Dhaloonni kun waa beekuuf dubbisuu aadaa taasisuu qaba jedhaniiru.
Dhaloonni aadaafi duudhaa isaa hin beekne biyya jijjiiruu hin danda’u kan jedhan Aadde Sa’aadaan aadaa fi safuu Oromoo dubbisuun teeknooloojiitti madaquun biyya jijjiiruuf dhaloonni of qopheessuu akka qabu dhaamuu isaanii ragaan BDhKMNO irraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.