Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin bu’aa qabeessummaa hojiilee qonnaa guddisuuf xiyyeeffate gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2016 (FBC)- Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti waltajjiin sosochii hojiilee misooma qonnaa qindaa’aarratti xiyyeeffate Magaalaa Buttaa Jiraatti gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Pireezidaantii Naannichaa Obbo Indaashaawu Xaasawu, Sadarkaa Pireezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa fi Hogganaa Biiroo Qonnaa Obbo Usmaan Suruuriin dabalatee qondaaltonni biroon argamaniru.

Sosochichi godinaalee, aanaalee fi gandoota naannichaa garaagaraatti akka gaggeeffamu Obbo Usmaan Suruur FBC’f himaniiru.

Qonna qamadii bonaan, hojiilee misooma jallisii idileen, omisha walitti qabuu, hojiilee misooma qabeenya beeyladaa, maaddii guutuu, sagantaa ashaaraa magariisaa, raawwii hojiilee gamtaa akkasumaas misoomaa bunaa fi dameewwan qonnaa biroo bu’aa qabeessummaan raawwachuuf kan kaayyeeffate ta’uu dubbataniiru.

Yeroo ammaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti hojiileen misoomaa qonnaa cimsan gaggeeffaamaa jiraachuu eeraniiru.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.