Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin biyyaalessaa ‘akka isin tajaajilluuf haguuggii fuulaa godhadhaa’ manneen barnootaa keessatti ifatti eegalame

Finfinnee, Amajjii 25, 2013 (FBC) – Sosochiin biyyaalessaa ‘akka isin tajaajilluuf haguuggii fuulaa godhadhaa’ manneen barnootaa keessatti ifatti eegalameera.
Sosochicha Ministeerr Barnootaa, Fayyaa, Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa fi Biiroon Barnootaa magaalaa Finfinnee qindoominaan qopheessaniiru.
Haggantoonnii fi ogeeyyiin manneen hojii kanneenii har’a mana barumsaa qophaa’iina Daagmaawii Miniliikitti argamuun ifatti eegalchiisaniiru.
Sosochichi har’aa eegalee manneen barnootaa biyyattii hunda keessatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsameera.
Tatamsa’inni weerara vaayrasii koroonaa sadarkaa idila addunyaatti dabaluu fi vaayrasiin haaraan saffisaan babal’ataa jiru ittisuuf sagantaa qophaa’e ta’uus ibsameera.
Guyyaa har’aa eegalee manneen barnootaa keessatti haguggii fuulaa godhachuun baratamuu akka qabu hirmaattoonni sagantichaa ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf; Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.