Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin biyyaalessaa ‘akka isin tajaajilluuf haguuggii fuulaa godhadhaa’ boruu jalqabee manneen barnootaatti ni eegala

Finfinnee, Amajjii 24, 2013 (FBC) – Sosochiin biyyaalessaa ‘akka isin tajaajilluuf haguuggii fuulaa godhadhaa’ boruu jalqabee manneen barnootaatti ni eegala jedhame.
Tatamsa’inni weerara vaayrasii koroonaa sadarkaa idila addunyaatti dabaluu fi vaayrasiin haaraan saffisaan babal’atu muul’achuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
Sababa kanaan of eeggannoo cimaa taasiisuun akka barbaachisu yaadachiisaniiru.
Manneen barnootaa keessatti tibba barnoonni eegalame of eeggannoon taasiisaa turan gaarii ta’us, yeroo dhiyoo as dagannaan bal’inaan muul’achaa jiraachuu Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Geetahuun Makuriyaan ibsaniiru.
Dagannaan kun gatii akka hin kaffalchiifneef sosochiin ‘akka isin tajaajilluuf haguuggii fuulaa godhadhaa’ jedhu boruu jalqabee manneen barnootaatti ni eegalama jedhan.
Sosochichaan barattoonni, barsiisonnii fi hawaasni barnootaa hundi naannoo manneen barnootaatti imala miilaa taasiisuun ‘akka isin tajaajilluuf haguuggii fuulaa godhadhaa’ jechuun hubannoo ni laatu jedhame.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf; Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.