Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin barnootaa sadarkaa naannoo ‘barnoota dhalootaaf ‘jedhu magaalaa Bahirdaaritti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2016 (FBC) – Biiroon Barnootaa Naannoo Amaaraa Sosochii barnootaa mata duree ‘barnoota dhalootaaf ‘jedhuun magaalaa Bahirdaaritti gaggeessaa jira.
Pireezidaantii naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa, Ministir Deetaa Ministeera Barnootaa Ayyalech Isheetee fi hoggantoonni naannichaa sosochicharratti argamuu ibsameera.
Naannichi barnootaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjechaa jiraachuu Pireezidaantiin naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaan ibsaniiru.
Haalli nageenyaa kaaba biyyattii mudatee ture adeemsa baruu fi barsiisurratti gufuu ta’uu dubbataniiru.
Yeroo itti aanu galteewwan barbaachisan guutuun adeemsa baruu fi barsiisuu bu’aa qabeessa taasiisuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Dassaalenyi Biraarraatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.