Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin Ashaaraa magariisaa Ityoophiyaa biyyoota biroof muuxxannoo ta’uu qaba jedhame

Finfinnee, Hagayya 15, 2014 (FBC) – Sosochii Ashaaraa magariisaa Ityoophiyaa haalaan beeksiifamuu fi biyyoota biroof muuxxannoo ta’uu akka qabu Itti aanaan Ministira Alaa Sudaan Kibbaa Daawu Deeng ibsan.

Sagantaan Ashaaraa magariisaa Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa gaggeeffameera.

Saganticharratti Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa, Dippiloomaatoota Ityoophiyaa biyyattiitti argaman dabalatee, bakka buutoonni dhaabbilee idil addunyaa biyyattiitti argaman hirmaataniiru.

Ityoophiyaan Sudaan Kibbaa waliin ta’uun, biqiltuuwwan haala qilleensaa naannichaaf mijatan sagantaa Ashaaraa magariisaan kan dhaaban ta’uu fi muuxxannoo gaggaariis kan waliif qoodan ta’uu Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Nabiil Mahaaddiin ibsaniiru.

Itti aanaan Ministira Alaa Sudaan Kibbaa Daawu Deeng gama isaaniin hirmaatootta sagantichaa fi Ityoophiyaa galateeffataniiru.

Sagantichi hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu ta’uu dubbataniiru.

Biyyi isaanii sagantaa Ashaaraa magariisaa Ityoophiyaarraa muuxxannoo qooddachuuf qophii ta’uu ishee fi sagantaa Ashaaraa magariisaa Ityoophiyaa beeksiisuun murteessaa ta’uu himuu isaanii TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.