Sosochii Garee shororkeessaa Shanee qolachuuf humni waloo federaalaa fi naannoo tarkaanfii hunda galeessa fudhachaa jira –TKM
Finfinnee, Amajjii 10, 2015 (FBC) – Sosochii Garee shororkeessaa Shanee qolachuuf humni waloo Federaalaa fi naannoo tarkaanfii hunda galeessa fudhachaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.
Miidhaa garichi hawaasaa fi qabeenyarran ga’aa jiru qolachuuf mootummaan tarkaafiin cimaa fudhachaa jiraachuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun ibsa haala yeroorratti laataniin himaniiru.
Tarkaanfii fudhameen iddoolee garee kana jala bilisa ba’anitti sosochiin idilee eegalamuu dubbataniiru.
Rakkoo jiru furuuf hoggantoonni sadarkaan jiran hawaasa waliin marii bal’aa taasiisaa jiraachuu Dooktar Laggasaan ibsaniiru.
Hidhattoonni naannolee adda addaatti hidhannoo filannoo godhatanii turan waamicha mootummaan taasiise hordofee karaa nagaan hidhannoo hiikkachaa jiraachuu kaasaniiru.
Miidiyaaleen finxaaleyyii ummata gidduutti, hoggantootaa fi kutaalee hawaasaa garaagaraa gidduuti garaagarummaa uumuuf olola sobaa tamsaasaa jiran gochicharra akka of qusatan gaafataniiru.
Fedhii dhuunfaa fi bu’aa siyaasaa argachuuf finxaaleeyyii olola sobaarratti bobba’an qolachuuf hawaasni mootummaan cinaa dhaabbachuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Gareen kun qaamolee Ityoophiyaa dadhabsiisuu fi kufatii biyyattii fedhan kanneen biyya keessaa fi alaan kan deeggaraman ta’uu eeraniiru.
Mootummaanis miidiyaalee kanneenirratti hordoffii taasiisaa jiraachuu kaasaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.