Fana: At a Speed of Life!

Sosochii galii bara 2017 walitti qabuu gaggeeffame

Finfinnee, Adoolessa 13, 2016 (FBC)- Waltajjiin sosochii galii bara 2017 walitti qabuu gaggaeeffameera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasumma isaanin, hojii galii bara 2016 walitti qabuu milkaa’inaan xumuruun, galma galii bara 2017 walitti qabuuf qabame waloon milkeessuuf sagantaan sosochii gaggeeffamuu himan.

Sagantichaan galii 2016 walitti qabuu keessatti gumaachaa kan taasisanii fi bu’aa qabeessummaa isaaf kanneen gumaachaan galateeffatanii, bara 2017’tti karoora galii Birri biiliyoona 230 walitti qabuuf akka milkaa’uuf imaanaa jedhaniiru.

Bara 2016 galii walitti qabame Birrii biiliyoona 146 qisaasamarraa eeguun pirojektoota qaal’iinsa jireenyaa magaalattii salphisan, hawwattummaa magaalattii kan jijjiiran kuma 18 ol hojjechuun galii walitti qabame misoomaa magaalattiif deebisanii oolchuun maallaqaa kaffaltoonni gibiraa kaffalan amanamtummaan hojiirra oolchuu kaasan.

Dandeetti galii maddisiisuu magaalattii yoo ilaalamuu galii caalu walitti qabuun akka danda’amu kan argisiisuu ta’uu kaasanii, qisaasama, hojmaata badaa fi maalaammatummaarraa kan qulqullaa’e galii bara 2017 Birrii biiliyoona 230 walitti qabuuf waloon haa milkeessinu jechuun dhaamaniiru.

Baranas kenniinsa tajaajilaa fi sirna hojmaataa irratti fooyya’iinsa taasisuuf hojiilee gaggeeffamaniif xiyyeeffannaa kennuun kan hojjetamu ta’uu akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.