Fana: At a Speed of Life!

Sosochii dubartootaa cimaa uumuun  nageenya biyyaa mirkaneessuuf ga’ee olaanaa qabaachuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 3, 2014 (FBC)- Waltajjiin sosochii fi ijaarrama dubartootaa naannoo Oromiyaa  Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

kaayyoon waltajjichaa haala qabatamaa biyyaarratti hubannoo dubartootaa cimsuun hojii nageenyaa fi birmadummaa biyyaa eegsiisuu keessatti dubartoonni karaa ijaarameen gahee irraa eegamu akka bahaaniif ta’uu Itti aantuu Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’iimmanii Oromiyaa Aadde Sarkaalam Saakkumeen ibsaniiru.

Dubartoonni  deeggarsa Raayyaa Ittisaa galaa qopheessuu,dhiiga arjoomuu ,nageenya eegsisuu keessattiis qaamaan hirmaachuun birmaduummaa biyyaa keessatti ga’ee qaban cimsanii itti fufuu qabu  jedhan Aadde Sarkaalam.

Waltajjiin Sosochii dubartootaa barreeffama Mata duree “Gocha Humnoota Badii fi Qabsoo Uummata Oromoo ” jedhuun sadarkaa Naannootti eegalame kun hanga gandaatti kan gaggeeffamu  ta’uu himaniiru.

Dubartoota miiliyoona 10 ol kan hirmaachisu ta’uu OBN gabaaseera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.