Fana: At a Speed of Life!

Soomni Raamadaanaa 1444ffaan boru yookaan iftaan eegala

Finfinnee, Bitootessa 12, 2015 (FBC)-Soomni Raamadaanaa 1444ffaan Addeessi yoo har’a mula’tte boru, yoo hinmul’anne Kamisaa akka eegalu Manni Maree Waliigalaa Dhimmootaa Islaamummaa Ityoophiyaa beeksise.

Manni marichaa Soomaa Ramadaanaan ilaalchisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera.

Pireezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Sheek Haaji Ibraahiim Tufaa ibsa kennaniin, baatii Sooma Raamadaanaatti hawaasa hongeef saaxilaman haa deeggarru jedhan.

Baatiin Raamadaanaa akka lakkoofsa Hijraatti har’a Addeessi yoo mul’atte Roobii borii Soomni akka jalqabamu, yoo hinmul’anne Kamisa jalqabama jedhan.

Hawaasni muslimaa akkuma baratame baatii Ramadaanaa waltumsaa fi waldeeggarsa aadeffate cimsee akka itti fufuu dhaamaniiru.

Hordoftoota Amantii Islaamaa biyyaa keessaa fi alaaf Soomichi kan nagaa, fayyaa fi jaalalaa akka ta’u hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Oliyaad Ahimaditu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.