Fana: At a Speed of Life!

Soomaaleetti shakkamtoonni karaa seeraan alaa shugguxii daddabarsan to’ataman

Finfinnee, Amajjii 20, 2012 (FBC) – Naannoo Soomaaleetti shakkamtoonni karaa seeraan alaa shugguxii daddabarsan guyyaa kaleessaa to’annoo jala oolaniiru.

Humni addaa naannoo Soomaalee dhiyeenya magaalaa Jigjigaatti buufata sakatta’iinsaa Magaalooqaranirratti sakattoo taasiseen qabeera.

Shugguxiin 39 konkolaatadhaan fe’amee karaa Toogoo Caalee dabarfamuuf yoo jedhu shakkamtoota waliin to’atameera.

Daddabarsa meeshaa seeraan alaa kanaan konkolaachisaa fi shakkamtoonni sadii to’annoo jala oolfamuu humni addichaa Raadiyoo fi Televiizhinii Naannoo Soomaaleetti himeera

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.