Fana: At a Speed of Life!

Somaaliyaan Waxabajjii 15 filannoo preezdaantummaa akka gaggeessitu beeksifte

Finfinnee, Eebila 28, 2014 (FBC) – Somaaliyaan yeroo dheeraaf kan dheerate filannoo preezdaantummaa Waxabajjii 15 akka gaggeessitu beeksifteetti.

Paarlaamaan Somaaliyaa guyyaa har’aa akka beeksiseetti, filannoon preezdaantummaa biyyatti hawwiin eegamaa ture walakkaa Waxabajjii akka gaggeeffamu ibseera.

Manneen maree lamaanirraa seera baaftonni 329, miseensonni seeneetii 54 fi miseensonni mana maree gadi 275 filannoo preezdaantummaa biyyatti 10ffaa ni filatuun eegama.

Filannichi Somaaliyaan bitta garbummaa keessaa akka baatuuf dursaan hogganaa kan ture Liigiin Dargaggoota Somaaliyaa waggaa 79ffaasaatti wayita kabajutti ta’uun lammiilee Somaaliyaaf adda taasisaa jedhameera.

Koreen raawwachisaa filannoo Somaaliyaa filannoo kaadhimamtoota preezdaantummaa gaggeessuun dura Caamsaa 11 fi 12 imaammatootarratti walfalmii akka gaggeessu ibsameera.

Preezdaantiin Somaaliyaa Mohaammad Abdullaahii Faarmaajoo barri aangoosaanii bara Faranjootaa baatii Gurraandhala 8, 2021 ifatti dhaabbachuun guyyaan filannoo darbu hordofee dhiibbaa keessa akka turan Afrikaa Niwuus gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.