Fana: At a Speed of Life!

Sochiin imaammata barnootaa hojiirra oolchuu eegaleera jedhame

Finfinnee, Hagayya 27, 2014 (FBC) – Damee barnootaan rakkoolee mudatan hambisuuf imaammata barnootaa haaraa qopheessuun sochiin qabatamaa taasisuu eegaluu Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa himan.

Ministirichi Hawaasa Yuunivarsiitii Dirree Dawaa waliin mari’ateera.

Maricharratti, Ityoophiyaatti rakkooleen mul’ataa jiran sababa imaammata barnootaa duraan tureen ta’uu eeraniiru.

Sirni barnootaa rakkoolee hedduun kan xaxame ta’uu fi rakkoolee qulqullina barnootaa adeemsa baruu fi barsiisuurratti mul’atuun dhaloota ga’umsaa fi beekumsa qabu horachuuf akka hindanda’mne taasiseera jedhan.

Ityoophiyaa keessatti kan argaman manneen barnootaa kuma 47 keessaa %0.01 yookaan ja’a, isaanuu kanneen Finfinneetti argaman ulaagaa barbaachisu guutuun barsiisaa jiraachuu eeraniiru.

Rakkoo kana furuuf imaammata barnootaa haaraa qopheessuun rakkoolee barnootarri mudatan hambisuuf sochii qabatamaatti seenuu eeraniiru.

Maqidas Darajjeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.