Fana: At a Speed of Life!

Sochiin ga’umsa qaamaa sadarkaa magaalaatti gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2014 (FBC) – Sochiin ga’umsaa qaamaa sadarkaa magaalaa Finfinneetti marsaa 7ffaaf mata duree “Finfinnee magaalaa nageenyaa fi waliin jireenyaa” jedhuun kutaa magaalaa Addis Katamaatti gaggeeffameera.
Sochii Ispoortii kana kan jalqabsiisan Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbayi.
Guyyichaa ilaalchisuunis Obbo Jaanxiraara ergaa dabarsaniin Ispoortiin addaan waan hincitneef guyyuu hojii keenyaa taasifachuun hawaasa fayyaaleessa uumuuf carraaquu qabna jedhaniiru.
Hoji Gaggeessituun Kutaa Magaalaa Addisa Katamaa Aadde Shittayee Mahaammad gama isaaniin, ispootiin dhaloota fayyalessaa uumuuf murteessaa waan ta’eef, hunduu sochii ga’umsa qaamaaf kaka’uu qaba jedhaniiru.
Ispoortii hawaasa gidduugaleeffateen kanneen raawwii fooyya’aa galmeessaniif beekkamtiin kennamuu ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.
Itti aansuun sochii ga’umsaa qaamaa kan qopgeessuu Kutaa Magaala Lidataa ta’uu eerameera.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.