Sochiin Dubartoota kallattii hundaan ga’oomsuu cimee itti fufa – Aadde Adaanach Abeebee
Finfinnee, Gurraandhala 27, 2014 (FBC) – Guyyaan dubartootaa akka addunyaatti yeroo 111ffaaf akka Ityoophiyaatti ammoo yeroo 46ffaaf mata duree ‘Ani waardiyaa obboleettii kootiit’ jedhuun magaalaa Finfinneetti kabajameera.
Ayyaannichaarratti keessummaa kabajaa ta’uun kan argaman kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dubartoonni wal tumsaa, wal gargaaraa fi tokkummaa isaanii yoo cimsatan rakkoolee jiru furachuu danda’u jedhan.
Tokkummaa hunda galeessaa fi nageenya Ityoophiyaa kabachiisuu keessatti ga’een dubartootaa olaanaa ta’uu eeraniiru.
Sochiin Dubartoota kallattii hundaan ga’oomsuu cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Itti gaafatamtuun Biiroo Dhimmoota Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Haannaa Yeshiinugus hirmaannaa dubartootaa kallattii hundaan guddisuun nageenyaa fi guddina hunda galeessa biyya mirkaneessuu keessatti qooda isaanii akka ba’an gaafachuu ragaan Waajjira Kaantibaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.