Fana: At a Speed of Life!

Sochiilee amantaa daheeffachuun nageenya uummataafi biyyaa balaarra buusan kamiyyuu nan balaaleffadha-MNUK

Finfinnee, Guraandhala 3, 2015 (FBC)- Sochiilee amantaa daheeffachuun nageenya uummataafi biyyaa balaarra buusan kamiyyuu hadheeffatee kan balaaleffatu ta’uu mootummaan naannoo Uummattoota Kibbaa ibseera.

Mootummaan naannoon uummattoota Kibbaa haala yeroo biyyaalessaa ilaalchisuun ibsa baaseera.

Mootummaan waggoottan jijjiiramaa darbanitti tokkummaan dhabbilee amantaa tokkummaa biyyaalessaa barbaachisaa ta’uu amanuun haala qajeeltoowwan heera mootummaa eegeen hojii bal’aa hojjechaa turuu ibsichaan yaadachiifameera.

Rakkoolen dhaabbilee amantaa keessatti uumaman furmaata kan argatan hojiimaata keessoo isaaniin ta’uu mootummaan kan amanu ta’uus ibsameera.

Kanaaf mootummaan heera mootummaan ala furmaata kennuu akka hin dandeenye hubatamuu akka qabu eerameera.

Rakkoon tibbana mana amantaa Ortodoksii Waloomaa(Tawahiidoo) keessatti uumame dhimma amantaarra darbee walxaxaa dhufuufi humnoonni siyaasaa biyya keessaa fi alaa kaayyoo badii qaban waliin qindaa’uun rakkoo uumametti fayyadamuun Ityoophiyaa laaffisuuf waltumsaa jiraachuu ibsameera.

Sochiilee amantaa daheeffachuun nageenya uummataafi biyyaa balaarra buusan kamiyyuu mootummaan naannichaa hadheeffatee kan balaaleffatu ta’uu eerameera.

Mootummaan naannichaa heera mootummaa bu’uureffachuun sochiilee seeraan alaa kamiyyuu ittisuufi to’achuun itti gaafatamummaa seera kabachiisuu kan ba’atu ta’uu addeessameera.

Itti gaafatamummaa heeraa murtoo Humna Waloo Nageenyaa raawwachuufi raawwachiisuu kan ba’atu ta’uu hubachiiseera.

Uummanni sochii mootummaan nageenya kabachiisuuf taasisu akka deeggaruufi tumsu waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.