Fana: At a Speed of Life!

Sochii walitti bu’iinsa naannolee biraatti babal’isuuf taasifamuuf mootummaan goonkumaa obsa hin qabu-TKM

Finfinnee, Eebila 21, 2014 (FBC) – Gochaa qaaneessaa magaalaa Goondaritti uumame iddoolee birootti babal’isuuf hojiin hojjetamaa jiru Amantaa Kiristiyaanaa birattis ta’e Islaamaa birratti fudhatama kan hin qabne ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.
Walitti bu’iinsa naannawaa Goondaritti mudateerraa ka’uun sochii walitti bu’iinsa naannolee biraatti babal’isuuf taasifamu kamiifuu mootummaan gonkumaa obsa kan hin qabne ta’uu Minitirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun ibsaniiru.
Tajaajilli kominikeeshinii mootummaa haala nageenyaa, dheessii deeggarsa namoomaa fi hojiilee misoomaarratti ibsa kenneera.
Tibbana taateen Magaalaa Goondaratti mudatee fudhatama kan hinqabne, gochaa qaanessaa ta’uu Dooktar Laggasaan eeraniiru.
Qaamoleen nageenyaa namootaa gochaa kanarrati hirmaatan seeratti dhiyeessuuf tattaaffii taasisaa jiraachuu fi shakkamtoonni hedduun to’atamuu himaniiru.
Gochaan kun daandii amantii akka qabatu farreen nageenyaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Sochiin gochaa badii raawwachuu naannawaa waraabeetti babal’ataa jiru haala kamiinuu fudhatama kan hinqabne ta’uus dubbataniiru.
Daldaltoonni walitti bu’iinsaa fi finxaaleeyyiin sochii dhiiga dhangalaasuuf taasisan madaala kamiinu fudhatam hin qabu jedhan.
Sochii walitti bu’iinsa kana naannolee biraatti babal’isuuf taasifamuuf mootummaan gonkumaa obsa hin qabuuf jechuun hubachiisaniiru.
Gama biraan hidhatttoota shaneerratti tarkaanfii fudhatamaa jiruun hidhattoonni garichaa hedduun barbadaa’uu Dooktar Laggasaan.
Dhiyyeessiin deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay dabalatee, lammiilee hongeen miidhamaniif dhiyaachaa jiraachuu kaasaniiru.
Dhiyeessiin galtee qonnaa kan akka xaa’oo qonnaan bulaa akka dhaqqabuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuus himaniiru.
Dabalaa Taaddasaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.