Fana: At a Speed of Life!

Sochii qamadii jallisiin misoomsuuf akka Godina Jimmaatti taasifamaa jiru milkeessuuf paampiiwwan dabalataa 40 dhiyaate

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC)- Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa sochii qamadii jallisiin misoomsuuf akka Godina Jimmaatti taasifamaa jiru milkeessuuf paampiiwwan dabalataa 40 dhiyeesse.

Qamadii Jallisiin misoomsuun sharafa biyya alaa bittaa qamadiitiif bahu hambisuuf sochii godhamaa jiruun akka Godina Jimmaatti lafa hektaraa 30,000 irratti qamadii jallisiin oomishuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jira.

Godinichatti hanqina paampii bishaan jallisii muudachuu danda’u furuun karoora qabame galmaan gahuuf jechas paampiiwwan dabalataa 40 Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaatiin dhiyaachuun ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.